Fuula kana irratti:

Walmadaalchisni Humna Ifaa Viiktooriyaa maali

Sagantaa Qusii Gargaarsa Maallaqa Humna Ibsaa

Walmadaalchisni Humna Ifaa Viiktooriyaa maali

Walmadaalchisni Humna Ifaa Viiktooriyaa marsariitii wamadaalchisa gatii humna ifaa bilisaa Mootummaa Viiktooriyaan kan karoora humna ibsaa ykn gaazii gatii salphaan mana keessaniif ykn daldala xixiqqaa keessaniif akka argatan isin gargaarudha. Akkasumas, paanaalii aduu fe'uun kaffaltii humna ifaa keessan irratti maallaqa hangamii qusachuu akka dandeessan shallaguuf marsariitii kana fayyadamuu dandeessu.

Walmadaalchisni Humna ifaa Viiktooriyaa waaliin madaluu fi dhiyeessii Humna ifaa keessan isa gaarii ta'e argachuuf salphaa taasisa. Wanti ati gochuu qabdu waa'ee itti fayyadama Humna ifaa keetii gaaffilee salphaa muraasa deebisuu qofa, akkasumas marsariitichi fedhii Humna ifaa kee irratti hundaa'uun dhiyeessii hundarra gaarii ta'e sitti agarsiisa.

Qajeelfama dabalataa:

Sagantaa Qusii Gargaarsa Maallaqa Humna Ibsaa

Boonasiin Quusannaa Humna sagantaa Mootummaa Viktooriyaa kan baasii jireenyaa hir'isuu fi gibirrii humnaa Viiiktooriyaanota rakkina keessa jiraniif gadi buusuuf kaffaltii $100 kennu ture. Sagantaan Boonasiin Quusannaa Humna $100 iyyattoota haaraadhaaf Bitootessa 31, 2026 irratti cufameera.

Warra kaardii hir'ina gatii ulaagaa guutan Boonasiin Quusannaa Humna $100 akka argatan deeggaruuf, Mootummaan Viktooriyaa Manneen Naannoo Viktooriyaa, hiriyaa Sagantaa Gargaarsa Humnaa Anglicare Viktooriyaa fi Cohealth waliin hojjachuun deeggarsa hawaasaa naannoo guutuutti kennaa ture. Gargaarsi bilbilaan iyyachuuf gargaaru karaa sarara gargaarsa Victorian Energy Compare kennameera.

Gaaffilee oggayyuu gaafataman

Yoo iyyanni koo Bitootessa 31, 2026 dura hin mirkanoofnee fi hin kaffalamne, ammas Boonasiin koo kan $100 naaf kaffalamaa?

Eeyyee, yoo iyyata keessan hanga sa'aatii 11:59 galgalaa Bitootessa 31, 2026tti dhiyeeffattan fi ulaagaalee barbaachisan guuttan (duraan iyyachuu dhabuu dabalatee) ammas Boonasiin keessan kan $100 isiniif kaffalama.

Karaa Hiriyaa Qunnamtii Hawaasaa yookaan sarara gargaarsa Victorian Energy Compare iyyadhe – akkamittan isaan quunnama?

Yoo deeggarsa hiriyaa quunnamtii hawaasaatiin iyyattan fi waa'ee iyyata keessanii isaan quunnamuu yoo isin barbaachise, maaloo sarara gargaarsa Victorian Energy Compare 1800 000 832 irratti bilbilaa. Odeeffannoon dabalataa waa'ee Boonasii Quusannaa Humna $100 asitti argama.